Waajjira Paartii Badhaadhina Godina Harargee Bahaa


Baga gara marsariitii Waajjira Keenyaa Nagayaan dhuftan!

Itti Gaafatamaa PB:
Obbo Habtaamuu Tasfaayee

Kabajamtoota Hordoftoota marsariitii waajjira Paartii Badhaadhinaa(Prosperity Party)!

Paartii Badhaadhinaa(Prosperity Party), Paartii Biyyaalessaa kan ta’eefi saboota lakkoofsa xiqqaa qaban kan hammateefi hirmaachise, bakka bu’ummaafi gahumsa bu’uura godhatee walitti hidhamiinsa murtee kennuu akka cimuuf haala kan mijeessee dha.

Paartiin keenya “Biyyi keenya hunda keenyaaf” yaada jedhamu qabachuufi hanqina yaadaa cehuudhaan biyya badhaateefi lammiilee hundaaf mijooftuu taate uumuuf qabsaa’a.

Qabsoon keenya bu'a qabeessa kan ta'u, yoo hirmaannaan keessan jiraate qofaadha. Nu hordofaa, yaada keessan nuuf gumaachaa.



Ergaa Hatattamaa

Gamaaggama Kurmaana 3ffaa


Waltajii gamaaggama raawwii karoora hanga kurmaana 3ffaa magaalaa harar galma poolisiitti waxabajjii 20 hang b30tti gaggeessuudhaaf karoorfanneerra.Aanaa irraa itti gaafatamaan wajjira PB aanaa, itti gaafatamaan damee siyaasaafi ijaarsaa gabaasa keessan hard copy fi sooft koopiin paawar pooyintiin qopheeffattanii waxabajjii guyyaa 24 harar galtanii akka bultan isin hubachiifna


Ogeessa maxxanse:Johar Aliyyi Umar | Guyyaa: 3 Cam 2018


Itti Gaafatamaa Ijaarsaa:
Adde Aziizaa Daawwid

Jaalatamtoota Hordoftoota Marsariitii Waajjira Paartii Badhaadhinaa!

Sagantaan keenya misooma hawaasummaa tokkummaa sabdaneessa bu’uura taasifatee, tokkummaa biyyaa kan cimsu ta’ee,
kaayyoon sagantaa hawaasummaa paartii keenyaa ibsituu ta’a.

Kana fiixaan baasuuf damee misooma hawaasummaatiin itti
fayyadama qonnaan bultootaa, horsiisee bultootaafi jiraattota
magaalaa galii gadi-aanaa argatanii mirkaneessuuf paartiin
keenya ni hojjeta.


Itti Gaafatamaa/tuu Siyaasaa:
Obbo Alamaayahu Tamuu

Kabajamtoota Hordoftoota marsariitii waajjira Paartii Badhaadhinaa;

Barnoota gocha irratti xiyyeeffateefi jireenya irratti gahee
qabu kennuuf sagantichi sirreeffamee hojiirra akka ooluuf
paartiin keenya ni qabsaa’a.

Paartiin keenya ol’aantummaan dhaqabummaa
barnootaa mirkaneessee sadarkaa barnootaa hundumattuu
qulqullina barnootaa guddisuu kaayyoo ol’aanaa taasifachuun
qabsaa’a. Barsiisonni dandeettii fooyyaa’aafi naamusa gaarii
qabatanii, dhaloota beekumsaafi dandeettiifi naamusa gaarii
horatan, akkasumas kabaja ogummaafi faayidaa akka argataniif
sagantaa misooma barsiisotaa biyyaalessaa fooy’essuuf paartiin
keenya ni hojjeta.


Wa'ee Keenya

Hordoftoota keenya, waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa, aanaalee daangaa bulchinsa godinicha keessa jiran 21 fi bulchinsa magaala 2 keessatti sirna diimokraasii dhogoomsuudhaaf waajjira halkaniifi guyyaa carraaqaa jiruudha.
Gara keenya dhufuu yoo barbaaddan, magaalaa Harar siidaa Raas Mokonnon fuullee irratti argan.


Google map'n yoo nu argachuu barbaaddan:

As cuqaasaa

Mullata, Ergamaafi Qajeeltoo teenya

a. Mullata

  1. Bara 2018tti -Abdii irraa gara ifa qabatamaatti cee'uu;
  2. Bara 2023tti - Fakkeenya badhaadhina Afriikaa ta'uu;
  3. Bara 2040tti - Fakkeenya badhaadhina Addunyaa ta'uu.

b.Duudhaalee Paartichaa

  1. Kabaja lammiilee fi uummattootaa;
  2. Bilisummaa;
  3. Haqa
  4. Obbolummaa fi obboleettummaa sabdaneessa; Walkabajuufi waldanda’u;
  5. Tokkummaa sabdaneessummaa;
  6. Hirmaachisummaa;
  7. Iftoominaafi itti gaafatamummaa;

c. Qajeeltoowwan Bu'uuraa

  1. Uummattummaa;
  2. Dimokiraasummaa;
  3. Ol’aantummaa seeraa;
  4. Misoomaafi fayyadamummaa haqa-qabeessa;
  5. Raawwii qabatamaa;
  6. Tokkummaa biyyaafi sabdaneessummaa;

d. Ergama Keenya

Haqummaa, walqixxummaa fi tokkummaa ummataa dhugoomsuudhaan kabajaafi badhaadhina lammiilee mirkaneessuun ergama ijoo keenya.

Sagantaaleefi Kaayyoo Sagantaalee keenya

Sagantaa Ijoo 4’n Paartii Badhaadhinaa

  1. Kaayyoo Sagantaa Siyaasaa: Mootummaa itti fufiinsaafi fudhatama cimaa qabu ijaaruu;
  2. Kaayyoo Sagantaa Diinagdee: Misoomaafi itti fayyadamumma haqa qabeessa mirkaneessuuf sirna dinagdee hammataa ijaaruu;
  3. Kaayyoo Sagantaa Hawaasumaa: Misooma hawaasummaa hammataa Badhaadhima hunda galeessa mirkaneessuu;
  4. Kaayyoo Sagantaa Waliti dhufeenya biyya alaa: Walitti dhufeenya kabaja biyyummaa gidduu galeessa taasifate.

a.Galmoota Sagataa Siyaasaa:

  1. Waliigaltee mootummaa biyyaaleessaa bu’uura cimaa irratti ijaaruu dandeessisu uumuu;
  2. Sirna demokraasii dhaabbileefi aadaa ummatummaa irratti ijaaruu;
  3. Nageenya dhugaafi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu.

b.Galmoota Sagnataa Diinagdee:

  1. Caaseeffama damee dinagdee hundagaleessa ijaaruu;
  2. Misooma dinagdee qulqullina qabuufi fayyadamummaa hawaasaa haqa-qabeessa ta’e mirkaneessuu;
  3. Akkaataa qabeenyaan itti uumamu guddisuuf dinagdee beekumsaan hogganamu ijaaruu;
  4. Magaalummaa fi misooma babal’isuu.

c.Galmoota Sagantaa Hawaasummaa:

  1. Sirna barnootaa haqa-qabeessummaa, qulqullina, hammattummaafi sirrummaa qabu mirkaneessuu;
  2. Sirna eegumsa Fayyaa dhukkuba ittisuu irratti xiyyeeffate diriirsuu Fi dandeettii biyya keenyaa tilmaama keessa galche diriirsuuf ni hojjeta;
  3. Fayyadamummaa Sochii siyaas-dinagdee dubartootaafi dargaggootaa cimsuu;
  4. Tokkummaa heddumminaa yaadamaa jiru mirkaneessuuf afaan sabootaa, sab-lammootaafi ummattootaa akka guddatuufi akka cimuuf hojii dhabbilee bulchiinsaafi seeraa sab-daneessummaa Itoophiyaa ibsuun hojiirra akka oolaniif paartiin keenya ni qabsaa’a.

d.Galmoota Sagnataa Walitti dhufeenya biyyoota Alaa:

  1. Walitti dhufeenya kabaja biyyaa mirkaneessuu
  2. waldeeggaruu fi faayidaa waliiniitiif xiyyeeffannoo kennuun deeggartoota keenyaa babal’isuu;
  3. Dhaabbilee walta’insa heddumminaa wajjin walii galtee dabaluu fi bilisummaa imaammataa kabachisuudha;
  4. Biyyoottan ollaatiif xiyyeeffannoo kennuun itti fayyadamummaa heddumminaa mirkaneessuu;
  5. Hirmaannaa Itoophiyaanootaafi dhaloota Itoophiyaanoota guddisuu;
  6. Dandeettii raawwachisummaa walitti dhufeenya biyya alaa wajjin qabnu faayidaa biyyaa irratti fuulleeffate diriirsuu.

Guduunfaa:

Walumaagala Paartiin Badhaadhinaa: Injifannoo kan bal’isu, dogongora kan sirreessuu fi faayidaa egeree kan kabachiisu ta’uu isaa. Paartii qabsoo ummataan dhalatee fi mul’ata biyya jijjiiru kan qabu, Paartii sab-daneessa, Af-daneessa, dam-daneessa akkasumaas gurmaa’insaa fi caasseffama cimaa qabuu

Gola Oduulee

Marii Hundee Hawaasummaa


Guyyaa Harraa mariin koonfaransii hundee diinagdee haala kanaan gaggeeffamaa iileera



Kan Maxxanse: Johar Aliyyi Umar | Guyyaa: 1 Ado 2018

Oduulee Maxxanfaman hunda ilaaluu yoo barbaaddan

Viidiyoolee

Mata Duree: whg,Ibsa vidiyicha:ibs

Vidiyoolee hund ilaaluuf

Kan Maxxanse:Johar Aliyyi Umar | Guyyaa: 20 Cam 2018

Yaada nuuf gumaachaa


Odeeffannoo Qunnamtii Aanaalee

Odeeffannoo qunnamtii aanaalee hundaa yoo barbaadde

Nu Qunnamaa

    Sarara Qunnamtii

  1. Lakk.Bilbilaa: +251913918309;
  2. Website:www.ehzpprosperity.org.et;

  3. Email:easthararghepp@gmail.com

    Marsaa Hawaasa